Obbo Ristuu Yirdaaw godina Haadiyaatti hojii misooma sululaa qinda’aa eegalchiisan

Finfinnee, Amajjii 18, 2013 (FBC)-Itti aanaa preezdaantii naannoo Kibbaa obbo Ristuu Yirdaaw godina Haadiyaatti hojii misooma sulula qinda’aa eegalchiisaniiru.
Hojiin misooma sulalichaa ifatti kan eegalchiisaan obbi Ristuun, iddoowwan lolaa fi dhiqama biyyeef saaxilamoo ta’aan uummanni Haadiyaa kunuunsa akka taasisuufi jedhaniiru.
Hawaasichi kana dura hojii eegumsaa naannoorratti hojjechaa tureef galateeffataniiru.
yeroo darbee jallisiiwwan misooma sulaalarratti ijarramaniin qonnaan bultoonni fayyadamoo ta’uu ibsaniiru.
Naannichaatti mata duree ‘misooma sululaa qindaa’a badhaadhinaa hunda galeessaa’jedhuun eegaleera.
Bara kanaas naannichatti lafti heektarri kumni 357 hojiin misooma sulalaa ni raawwatamaa jedhameera.
Sululoota kanneen irrattis biqiltuuwwan biiliyoonni 1.6 bara kana qofaa ni dhaabamu jedhaniiru.
Fuula Feesbuukii Keenyan Dabalata Odeeffannoo Waqtaawaa Argachuuf;
Teelegraama Keenya Https://T.Me/Afanoromofana Subiskiraayib Godhaa.
Karaa Yuutyuubii Keenyan Nu Hordofuuf FBC Afaan Oromoo Https://Www.Youtube.Com/C/Fanabroadcastingcorporate/ Subiskiraayib Godhaa.
Karaa Marsariitii (Weebsaayitii) Keenya Fanabc.Com/Afaanoromoo Nu Hordofaaa.
Twiitara Keenya Https://Twitter.Com/Fanatelevision Nu Duukaa Bu’aa
Yeroo Maraa Nu Waliin Waan Taataniif Isin Galateeffanna.
Comments (0)
Add Comment