Finfinnee, Sadaasa 23, 2015(FBC)- Pireezidaantiin Naannoo Uummattoota Kibbaa Obbo Riistuu Yirdaan Ityoophiyaatti Dhimma Raawwachiiftuu Mootummaa Ameerikaa Ambaasaaddar Tireesii Aan Jaakobsan waliin mari’ataniiru.
Fayyaa haadholiifi daa’immanii, tattaafii oomishtummaa qonnaa guddisuuf taasifamaa jirurratti akkasumas rakkoolee jijjiirama qabeenya qilleensaan mudatan dandamachuuf sochiilee taasifamaa jiran irratti mari’achuu eerameera.
Obbo Ristuun, Mootummaan Ameerikaa fayyadamummaa ummata naannnichaa guddisuuf tattaaffii taasisu dinqisiifachuun ,cimsee akka itti fufu gaafataniiru.
Ambaasaaddar Tireesii Aan Jaakobsan gama isaaniin, Ityoophiyaan gaba bilisaa AGOA irraa dhorkamuu isheen dhiibbaa qaqqabuu hambisuuf Amerikaan dhimmicha hordofaa jiraachuuu ibsuu ragaan Kominikeeshinii naannniichaarraa argame ni mul’isa.
Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;
Teelegraama https://t.me/afanoromofana
Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR
Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.