Finfinnee, Caamsaa 18, 2013 (FBC) – Ministir Deettaan Ministeera Dhimma Alaa obbo Reedwaan Huseen itti aanaa Muummee Ministiraa fi Ministira Ministeera Dhimma Alaa Kaataar sheehi Mahaammad Biin Abduulraahimaan Al Taahiniin waliin mari’atan.
Hariiroo waloo biyyoota lamaanii fi dhimmoota haala waqtaawaa Gaanfa Afrikaa ilaalchisee Dohaatti mari’achuu isaanii ragaan Ministeera Dhimma Alaa Kaataar irraa argame ni agarsiisa.
Garaagarteewwan jiran karaa nagaa fi Dippiloomaasiin hiikuun murteessaa ta’uu marii taasiisaniin kaasaniiru.
Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf; :-www.fanabc.com
Yuutyuubiihttps://www.youtube.com/c/fanabroadcastingcorporate/
Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.