Finfinnee, Caamsaa 10, 2015 (FBC)- Ministirri Ministeeraa Aadaa fi Ispoortii Obbo Qajeelaa Mardaasaan, Ministira Aadaa Kolombiyaa Joorji Zooroon waliin dhimmoota waloon hojjechuu danda’anirratti mari’ataniiru.
Marii isaaniinis Obbo Qajeelaan, duudhaalee aadaa Ityoophiyaa fi damee aartii misoomsuun hariiroo hawaasummaa fi guddina diinagdeef gumaacha gama isaa akka taasisu qaamoleen dhimmichi ilaallatu waliin hojjechaa jiraachuu ibsaniiru.
Kolombiyaa waliin guddinaa fi misooma aadaa, aartii irratti waliin hojjechuu fi muuxannoo waljijjiiruuf qophii fi fedhii qabaachuu himaniiru.
Joorji Zooroon gamasaaniin, Kolombiyaa fi Ityoophiyaan hariiroo yeroo dheeraa qaban cimsuuf aadaa fi aartiin akkasumas, dameewwan biroon waliin hojjechuuf fedhii qabaachuu ibsaniiru.
Kolombiyaan sabaa fi sablammoota hedduu kan qabduu fi afaanota 65 ol kan itti dubbataman ta’uu kaasuun, duudhaalee aadaa misoomsuu fi kunuunfamanii dhalootatti akka darbaniif muuxannoo Ityoophiyaa fudhachuun barbaachisaa ta’uu dubbataniiru.
Obbo Qajeelaan, Kolombiyaan damee aadaa fi aartiin Ityoophiyaa waliin hojjechuuf fedhii argisiisuu dinqisifataniiiru.
#Oromiyaa #Ityoophiyaa
Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataan argachuuf;
Teelegiraama https://t.me/afanoromofana
Yuutiyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR
Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo
Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Feesbuukii:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.