Finfinnee, Onkoloolessa 1 ,2015(FBC)- Ministirri Ministeera Aadaafi Ispoortii Obbo Qajeelaa Mardaasaan Ityoophiyaatti daayrektara Yuuniskoo Dooktar Riitaa Biisoonaawut waliin mari’atan.
Mariisaaniin, hordoffii hojiirra oolmaa Konveenshinii Yuuniskoo bara 2005, deeggarsa dhaabbatichi hojiirra oolmaa imaammata fiilmii Ityoophiyaaf taasisu akkasumas haala dubartoonni aartii fakkii kaasurratti hirmaatan deeggarsa argachuu danda’anirratti mari’achuu eerameera.
Dabalataanis gola ambaan saayinsii, aadaan, bu’aaleen aartiifi hambaaleen Ityoophiyaa itti beeksifamuu danda’an irratti mari’achuu ibsameera.
Yeroo itti aanutti ergama dhaabbilee lameenii raawwachuuf kan gargaaran hojiilee ijoo waloo adda baasuuniifi waliigaltee waliif mallatteessuun gara hojiitti seenuun barbaachisaa ta’uu ibsamuu ragaan ministeericharraa dhiyaate ni mul’isa.
Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;
Teelegraama https://t.me/afanoromofana
Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR
Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.