Obbo Qajeelaa Mardaasaan Ityoophiyaatti Ambaasaaddara Raashiyaa waliin mari’atan

Finfinnee, Onkoloolessa 2, 2015 (FBC)- Ministirri Ministeeraa Aadaa fi Ispoortii Obbo Qajeelaa Mardaasaan Ityoophiyaatti Ambaasaaddara Raashiyaa Ivgaanii Tarkihiin waliin mari’ataniiru.

Marii isaaniin baatii Sadaasaa dhufu Walga’ii Koree Paaralompikii Idil Addunyaa Jarmanitti gaggeeffamuu fi waliigaltee waloo damee aadaan biyyoonni lameen taasisanirratti mari’ataniiru.

Baatii Sadaasaa 2022 Yaa’ii Ministiroota Aadaa Raashiyaatti gaggeeffamurratti akka hirmaataniif gita isaanii Raashiyaarraa xalayaa ergameef Ambaasadarricharraa fudhachuu ragaan ministeericharraa argame ni mul’isa.

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Comments (0)
Add Comment