Obbo Qajeelaa Mardaasaan ittaantuu Itti Gaafatamtuu Embaasii Ameerikaa waliin mari’atan

Finfinnee, Fulbaana 30, 2016 (FBC)- Ministirri Ministeera Aadaa fi Ispoortii Obbo Qajeelaa Mardaasaan Ittaantu Ittigaafatamtuu Embaasii Ameerikaa Gondiliin Weeldiin Giriin waliin dhimma Kubbaa Kachoorratti mari’atan.

Marichaan Itiyoophiyaatti erga taphni Kubbaa Kachoo eegalee yeroo dheeraa lakkoofsisus yeroo ammaa sochiin damichaa laafaa dhufuu kaasaniiru.

Yeroo ammaas Kubbaa Kachoorratti walta’iinsaan hojjechuun murteessaa ta’uu kan kaasaan Obbo Qajeelaan, keessumaa Ameerikaan Kubbaa Kachoon kan beekamtuu ta’uun, Itiyoophiyaan damicharraa muuxannoo fi deeggarsa argachuu akka dandeessu akeekaniiru.

Fuuldurattis Kubbaa Kachoorratti waliigaltee mallatteessuun Federeeshinii Kubbaa Kachoo Itiyoophiyaa waliin walitti dhiyeenyaan akka hojjetamu eeraniiru.

Gondilin Wendii Giriin gama isaaniin Ispoortii Kubbaa Kachoorratti dargaggoota hirmaachisuun hojjechuu akka barbaachisu ibsaniiru.

Dabalataan damee Ispoortichaan hirmaannaa dubartootaa qixa dhiirotaan taasisuu fi guddisuuf ni hojjenna jechuu ragaan Ministeeraa Aadaa fi Ispoortiirraa argame ni mul’isa.

#Oromiyaa #Itiyoophiyaa

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegiraama https://t.me/afanoromofana

Yuutiyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbuukii:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Comments (0)
Add Comment