Obbo Ordiin Badriin Sagantaa Ashaaraa magariisaa eegalchiisan

Finfinnee, Waxabajjii 29, 2016 (FBC)_ Pireezidaantiin Naannoo Hararii Obbo Ordiin Badriin sagantaa Ashaaraa Magariisaa bara kanaa eegalchiisaniiru.

Saganticharratti qondaaltoota olaanoo mootummaa dabalatee kutaaleen hawaasa garaagaraa argamaniiru.

Obbo Ordiin naannichatti sagantaa Ashaaraa magariisaa bara kanaan biqiltuu miiliyoona 2.5 dhaabuuf karoorfamuu ibsaniiru.

Haaluma kanaan Diyaaspoora kabaja guyyaa Harari sabaabeeffachuun garaa biyyaa dhufan waliin biqiltuuwwan kuma 500 guyyaa tokkootti dhaabuuf qophiin taasifamuu dubbataniiru.

Meeroon Mulugeetaatu gabaase.

Comments (0)
Add Comment