Obbo Nabiyyuu Sihuul dura taa’aa waajjira Paartii Badhaadhinaa Tigraay ta’uun ramadaman

Finfinnee, Bitootessa 8, 2012 (FBC) –Obbo Nabiyyuu Sihuul dura taa’aa waajjira Paartii Badhaadhinaa Tigraay ta’uun ramadamaniiru.

Qindeessaan Damee Ummaataa fi Idila Addunyaa Paartii Badhaadhinaa obbo Awwaluu Abdii fi Paartiin Badhaadhinaa Tigraay guyyaa har’a ibsa laataniiru.

Ibsa isaaniin obbo Nabiyyuu Sihuul dura taa’aa Paartii Badhaadhinaa Tigraay ta’anii ramadamuunn isaanii ibsameera.

Dabalataniis, ramaddiin hoggantoota olaanoo Paartii Badhaadhina Tigiraay gaggeeffameera.

Fulduratti ijaarsi Paartii Badhaadhinaa Tigraay Finfinnee, Maqalee akkasumaas godinootaa fi aanoota naannoo Tigraayitti akka gaggeeffamu ibsameera.

Hayileyesuus Siyyumtu gabaase.

Comments (0)
Add Comment