Obbo Musxafeen bakka buutoota Yuuniiseef waliin hongee naannicha muudateratti mari’atan

Finfinnee, Amajjii 4, 2014 (FBC) – Preezdaantiin Naannoo Somaalee obbo Musxafee Mahaammad hongee naannicha muudate ilaalchisee bakka buutoota Yuuniiseef waliin mari’ataniiru.
Deeggarsa namoomaa saffisaan haala dhiyeessuun danda’amurratti mari’achuu ibsameera.
Obbo Musxafeen haala hongee naannicha muudate ilaalchisee garichaaf ibsa taasiisaniiru.
Dhaabbanni Yuuniiseef fi dhaabbileen deeggartootaa biroo waliin ta’uun hongicha dandamachuuf qooda isaanii kan ba’an ta’uu bakka buutoonni kunneen dubbataniiru.
Mootummaan naannichaa hongicha qolachuuf yeroo kamiiyyuu caalaa hojjechaa jiraachuu obbo Musxafeen Mahaammad ibsaniiru.
Jiraattoonni Godinaalee 9 aanaalee 80 keessa jiraatan rakkichaaf saaxilamuu eeraniiru.
Mootummaan naannichaa bishaanii fi nyaataa dhiyeessaa jiraachuu ragaan Biiroo Dhimmoota Kominikeeshinii naannichaarraa argame ni muul’isa.
Ityoophiyaa :- Misoomsuuf, Ijaaruuf, Yaa qophoofnu!!!
Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;
Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.
Comments (0)
Add Comment