Obbo Musxafee Mahaammad miseensota Raayyaa Ittisa Biyyaa garee Al Shabaab barbadeessuuf hiriiran daawwatan

Finfinnee, Adoolessa 18, 2014 (FBC)- Pirezidaantiin naannoo Somaalee Obbo Musxafee Mahaammad miseensota Raayyaa Ittisa Biyyaa humna Addaa naannichaa waliin ta’uun  garee shororkeessaa Al Shabaab barbadeessuuf hiriiran daawwatan.

Tibbana bakka “Atoo“ jedhamutti garee shororkeessaa Alshabaab naannichaa  gama Godina Afdeeraa lo’ee seenuun ganda xiqqoo Hulhul jedhamtee waamamtutti erga itti marfameen booda  garecha guutummaatti dhabamsiisuu Manni Maree Mootummaa naannichaa beeksisee turuun kan yaadatamuudha.

Guyyoota sadiif duulaa gaggeffameen miseensonni Alshabaab 100 ol yoo ajjeeffaman, konkolaattoonni 13 garechi itti fayyadamaa ture gubachuun ibsamuu ragaan kominikeeshinii naannichaarraa argame ni mul’isa.

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Comments (0)
Add Comment