Obbo Musxafee Mahaammad Jiraattota godina Afdeer waliin mari’atan

Finfinnee, Fulbaana 2, 2015(FBC)- Pireezidaantiin naannoo Somaalee Obbo Musxafee Mahaammad jaarsolii biyyaafi qaamolee nageenyaa godina Afdeer waliin dhimmoota misoomaafi nageenyaarratti mari’atan.

Jilli hoggansa olaanoo naannichaa obbo Musxafee Mahaammadiin durfamu godina Afdeer aanaan Hargeelee galeera.

Jilichi hojiilee misoomaa godinaafi aanichatti hojjetamaa jiran daawwateera.

Dabalataanis obbo Musxafeen jaarsolii biyyaa, qaamolee nageenyaa, dargaggootaafi dubartoota godinichaafi aanichaa waliin dhimmoota misoomaafi nageenya naannichaarratti mari’achuu ragaan kominikeeshinii naannichaarraa argame ni mul’isa.

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Comments (0)
Add Comment