Obbo Musxafee Mahaammad humna addaa duulaa Hulhul irraa deebi’an gara daangaatti geggeessan

Finfinnee, Adoolessa 17, 2014 (FBC) – Pireezidaantiin Naannoo Somaalee Obbo Musxafee Mahaammad humna addaa naannichaa gandaa Hulhulirraa duulaa lootee seentotaa Alshabaaba dhabamsiisuurraa deebi’an gara daangaatti gaggeessaniiru.

Obbo Musxafeen, Godinaa Afdeeraa ganda xiqqaa Hulhulitti garee shororkeessaa alsababa lo’ee seene irratti duula gaggeeffamerraa kan deebi’an humna addaa naannichaaf gaggeessaa taasisan.

Guyyoota afuriin dura, bakka “Atoo“ jedhamutti garee hidhataa shororkeessaa Alshabaab naannichaa Godina Afdeeraa lo’ee seenuun ganda xiqqoo Hulhul jedhamtee waamamtutti garecha guutummaatti dhabamsiisuu Manni Maree Mootummaa naannichaa beeksisee turuun kan yaadatamuudha.

Guyyoota sadiif duulaa gaggeffameen miseensonni Alshabaab 100 ol yoo ajjeeffaman, konkolaattoonni 13 garechi itti fayyadamaa ture gubachuun ibsameera.

Sirna gaggeessaa kanarratti Pireezidaantii naannichaa dabalatee hoggantoonni naannichaa fi godinaa argamuu ragaan kominikeeshinii naannichaarraa argame ni mul’isa.

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Comments (0)
Add Comment