Obbo Musxafee Mahaammad Dhaabbata Gargaarsa Ameerikaatti Ittaanaa Daayrektara Olaanaa Dhiimmoota Afrikaa waliin mari’atan

Finfinne,Sadaasa 9,2015 (FBC)- Pireezidaantiin naannoo Somaalee Obbo Musxafee Mahaammad Dhaabbata Gargaarsa Ameerikaatti Ittaanaa Daayrektara Olaanaa Dhiimmoota Afrikaa Taayilar Beeklamaan waliin mari’atan.

Maricharratti Ityoophiyaatti Dhimma Raawwachiistuu Ameerikaa Ambaasaaddar Tireesii An Jaakoobsaniifi Ityoophiyaatti Daayrektara Olaanaa Dhaabbata Gargaarsa Ameerikaa Seen Joonsan dabalatee hoggantoonni olaanoon naannichaa argamaniiru.

Marichi rakkoo hongee naannichatti irra deddeebiin mudatu waaraan furuufi jireenya lammiilee haala fooyyessuun danda’amurratti kan xiyyeeffate ta’uu eerameera.

Pireezidaantiin naannichaa obbo Musxafee Mahaammad marichaan booda ibsa miidiyaaleef laataniin, rakkoo hongee naannichatti irra deddeebiin mudatu dandamachuuf deeggarsa taasifamu cimsuun jirenya hawaasaa waaraan fooyyessuurratti waloon hojjechuuf  waliigalteerra gahuu dubbataniiru.

Maricharratti kan hirmaatan Ityoophiyaatti Dhimma Raawwachiistuun Ameerikaa Ambaasaaddar Tireesii An Jaakoobsanis, mariin hoggantoota olaanoo naannichaa waliin taasisan bu’aa qabeessa ta’uu ibsaniiru.

Deeggarsa naannichaaf taasisan cimsanii kan itti fufan ta’uu eeruu ragaan kominikeshinii naannichaarraa argame ni mul’isa.

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Comments (0)
Add Comment