Obbo Musxaafee fi obbo Adaam dhiiga arjooman

Finfinnee, Sadaasa 1, 2013 (FBC)-Af Yaa’iin Mana Maree Federeshinii obbo Adaam Faaraah, itti aanaa preezdaantii naannoo Somaalee obbo Musxafee Mahaammad akasumaas hoggantoonni hojii mootummaa naannichaa dhiiga arjoomaniiru.

Hoggantoonni hojii olaanoo Federaalaa, naannoo Somaalee fi jiraattoonni magaalaa Jigjigaa dhiiga arjoomaniiru.
Dhiigni arjoomamees Raayyaa Ittisa Biyyaa Izzii kaabaa miidhaarra olchuuf kan oolu ta’uu eerameera.

Sirna arjoommi dhiiga kanarrati hawaasni naanniicha raayyaa ittisa biyyaa cina dhaabbachuun biyyasaanii akka eegaan waamicha dhiyeessaniiru.

Odeeffannoo waqtaawaa argachuuf Teelegraama keenya https://t.me/afanoromofana subiskiraayib godhaa.
Karaa Yuutyuubii keenyan nu hordofuuf FBC Afaan Oromoo https://www.youtube.com/channel/UCsy_Mc1C45kRUVopA-NK10A subiskiraayib godhaa.
Karaa marsariitii (weebsaayitii) keenya fanabc.com/afaanoromoo nu hordofaa.

Comments (0)
Add Comment