Finfinnee, Sadaasa 10, 2016 (FBC)-Ministirri Ministeera Indaastirii Obbo Malaakuu Allebal Itiyoophiyaa Ambaasaaddara Ispeen Maanu’eel Saalaazaar waliin mari’ataniiru.
Marichaarratti Obbo Malaakuu Allebal guddina diinagdee Itiyoophyaa, haala mijataa invastimantii jiru, xiyyeeffannaa mootummaan damichaaf kennee fi qabeenyaa umamaa hintuqamne qabdu ilaalchisee ibsa taasisaniiru.
Abbootiin qabeenyaa Ispeenis gara Itiyoophiyaa dhufuun damee indaastirii oomishaarratti akka bobba’an afeeraniiru.
Abbootiin qabeenyaa Itiyoophiyaa damee indaastirii oomishaarratti bobba’an, Ispeeniin daawwachuun beekumsa teeknooloojii biyyattiin qabdurratti muuxannoo akka qooddatan taasisuuf ni hojjenna jedhaniiru.
Ambaasaaddar Maanu’eel gama isaaniin, mootummaan isaanii abbootiin qabeenyaa Ispeenii fi biyyoota biroo gara Itiyoophiyaa dhufuun damee invastmantiirratti akka bobba’an kan hojjetu ta’uu ibsaniiru.
Imaammanni alaa Ispeen Afrikaaf xiyyeeffannaa addaa kan kennu ta’uu kan kaasan ambaasaaddarichi, biyyattiin damee indaastirii maanufaakchariingiin hariiroo Itiyoophiyaa waliin qabdu cimsuuf xiyyeeffannaan kan hojjettu ta’uu mirkaneessaniiru.
Marichaanis waltajjii waloo beekisisa invastimantii qopheessuuf waliigalteerra ga’uu ragaan ministeericharraa argame ni mul’isa.
#Oromiyaa #Itiyoophiyaa
Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;
Teelegiraama https://t.me/afanoromofana
Yuutiyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR
Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo
Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Feesbuukii:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.