Obbo Malaakuu Allabal Ministira Daldalaa Turkii Raashiisaas Peekaan waliin mari’atan

Finfinnee, Amajjii 7, 2013 (FBC)- Ministirri Ministeera Daldalaa fi Indaastirii obbo Malaakuu Allabal Ministira Ministeera Daldalaa Turkii Raashiisaas Peekaan waliin dhimma biyyoota lamaaniirratti mari’ataniiru.
Turtii isaaniin dhimmoota waljijjiirra daldala biyyoota lamaaniirratti mari’ataniiru.
Ityoophiyaan waggaa 2 dura Turkiitti daldalaa alaaf biyyoota filataman 17 keessaa ishee tokko ta’uun ni beekama.
Akka raga Ministeera Dhimma Alaa Turkii muul’dhisutti bara Faranjoota 2019 waljijjiirraan daldala biyyoota lamaanii Doolaraa Ameerikaa miiliyoona dhibba 3 fi miiliyoona 98.8 qaqqabeera.
Kana keessaaa Turkiin gara Ityoophiyaatti kan ergitee doolaraa miiliyoona dhibba 3 fi miiliyoona 78.3 ta’u beekameera.
Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;
Teelegraama keenya https://t.me/afanoromofana subiskiraayib godhaa.
Karaa Yuutyuubii keenyan nu hordofuuf FBC Afaan Oromoo https://www.youtube.com/c/fanabroadcastingcorporate/ subiskiraayib godhaa.
Karaa marsariitii (weebsaayitii) keenya fanabc.com/afaanoromoo nu hordofaaa.
Twiitara keenya https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna
Comments (0)
Add Comment