Obbo Malaakuu Allabal jila mootummaa Naayjeeriyaa waliin mari’atan

Finfinnee, Amajjii 30, 2014 (FBC) – Ministirri Ministeera Indaastirii Obbo Malaakuu Allabal jila mootummaa Naayjeeriyaa waliin mari’atan.

Jilichi gara Ityoophiyaa kan dhufeef Paarkii Qindaa’aa Agroo Indaastiriirraa muuxannoo qooddachuuf ta’uu ibsameera.

Mootummaan Ityoophiyaa diinagdee qonnaan durfamu gara diinagdee indaastiriin durfamuutti ceesisuuf karoorfachuu obbo Malaakuun marichaan ibsaniiru.

Karooricha milkeessuuf Paarkiiwwan qindaa’oo agroo indastirii 4 hojii yaaliif ijaaramanii 3 eebbifamanii tajaajila kennuu eegaluu ibsaniiru.

Mootummaan Ityoophiyaa paarkiiwwan kanneen ammayyeessuuf waadaa galuu fi carraa hojii qonnaan bulaa fi walitti hidhamiinsa gabaaf ga’ee olaanaa qabachuu kaasaniiru.

Hariiroo obbolummaa fi diinagdee biyyoota lameenii kana caalaatti guddisuun akka barbaachisu ibsaniiru.

Damee indaastirii oomishaan gaaffii mootummaan Naayjeeriyaa dhiyeessuuf deeggarsa taasisuuf waadaa seenuu eerameera.

Hogganaan jilichaa fi Ministirri Ministeera Qonnaa biyyattii Dooktar Mohaammad Maahimuud Abuubajar simannaa ho’aa taasifameefiif galateeffachuun Afrikaan qabeenyaan badhaadhuu fi qabeenya hin tuqamne hedduu qabaachuu ibsaniiru.

Qabeenya kana haala gaariin itti fayyadamuuf Imaammanni cimaan kan barbaachisu ta’uu fi gara hojiitti seenuun barbaachisaa ta’uu eeraniiru.

Jilichi guyyoota ittaananitti paarkiiwwan qindaa’ii Agroo-Indaastirii Bulbulaa fi Yirgaalam ni daawwatu jedhamee eegama.

Ityoophiyaa :-  Haa Misoomsinu,  Haa Ijaarru, Haa qophoofnu!!!

Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Comments (0)
Add Comment