Obbo Lidatuu Ayyaalaw galmee biroon mana murtiitti dhiyaatanii dhimmi isaani ilaalameera

Finfinnee, Hagayya 28, 2012 (FBC) – Obbo Lidatuu Ayyaalaw galmee biroon mana murtiitti dhiyaatanii dhimmi isaani ilaalameera.
 
Obbo Lidatuu Ayyaalaw galmee biroon mana murtii godina Shawaa bahaa aanaa magaalaa Bishooftuutti dhiyaatanii dhimmi isaani ilaalameera.
 
Abbaan Alangaa dhaddacharratti argamuun harka isaanirratti kan argame sadanada mootummaa ce’umsaa hundeessuu jedhuu fi sanada biroo jijjiirama akka biyyatti dhufe kana mormuu akkasumas heera mootummaa faalleessuun walqabatee himata irratti banuun qorachaa jirachuu dhaddachaaf ibseera.
Obbo Lidatuun gama isaaniin sanadni mootummaa ce’umsaa hundeessu jedhu sadarkaa mootummatti galchee fudhatama hin qabu jdhamee kanaan lafa kaa’edha jedhan. Nama gaafachiisa otuu ta’ee mootummaan fudhatama hin qabu jedhee hin callisu ture jedhaniiru.
 
Sanada biroo jijjiirama akka biyyatti dhufe kana mormuu akkasumas heera mootummaa faalleessuun walqabatee ammoo yaada kiyyaadha kanaan ibse jedhan.
 
Gara biyyaa alaa adeemee kanan yaalamuuf qabeenya qabaadheen miti yaalichi as waan hin jirrefi. Kanaf manni murtii tilmaama keessa naaf galchuu qaba jechuun gaafataniiru.

Manni murtiis qoratee ajaja laachuuf guyyaa boruutti beellama qabeera.

Taariik Addunyaatu gabaase.
 
Odeeffannoo waqtaawaa argachuuf Teelegraama keenya https://t.me/afanoromofana subiskiraayib godhaa.
Comments (0)
Add Comment