Obbo Kaasahuun Goofeen Ambaasaaddara Beelaaruus waliin mari’atan

Finfinnee, Onkololeessa 14, 2015 (FBC) – Ministir Deetaan Ministeera Daldalaafi Walitti Hidhamiinsa Naannawaa Obbo Kaasahuun Goofeen Ityoophiyaatti Ambaasaaddara Beelaruus Paavilii Viizii’aantikiin waliin mari’ataniiru.

Hariiroo gabaa fi daldalaa biyyoota lamaan jidduu jiru caalmaatti cimsuuf mari’ataniru.

Meeshaalee galteewwan Omishaa Qonna kanneen akka Tiraakteraafi Maashinoota adda adda gatii madaalawaan gara biyya keessa galchuuf hojjetamaa jiraachuu marichaan ka’eera.

Hariiroo biyyoota lameenii caalmaatti fooyyessuuf walii galuu Obbo Kaasahuun Goofeen toora miidiyaa hawaasummaa isaaniin ibsaniiru.

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;
Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Comments (0)
Add Comment