Obbo Jawaar Mahaammad, Baqqalaa Garbaa fi Hamzaa Booranaa fi himatamtoota biroo dabalatee dhorkaan qabeenyaa nurraa haa ka’uun iyannoon dhiyeessan fudhatama dhabe

Finfinnee, Sadaasa 15, 2013 (FBC)- Obbo Jawaar Mahaammad, Baqqalaa Garbaa fi Hamzaa Booranaa fi himatamtoota biroo dabalatee dhorkaan qabeenyaa Abbaan Alangaa isaan dhorkee nurraa haa ka’uun iyannoon dhiyeessan fudhatama dhabeera.
Manni Murtii Olaanaa Federaalaa ramaddiin Lidataa dhaddacha 20ffaa dhimmota yakka ilaaleera.
Dhaddachicharratti obbo Jawaar Mahaammad, Baqqalaa Garbaa fi Hamzaa Booranaa kan hin argamnee yoo ta’u, himatamtoonni biroon argamaniiru.
Abukaatoon himatamtoota dhaddachichaarratti haala nageenya biyyattiif hin dhiyaannu jechuusaanii ibsaniiru.
Manni murtichaas dhorkaan qabeenyaa nurraa haa ka’uun iyannoon dhiyeessan fudhatama dhabsiiseera.
Haa ta’u malee nyaata maatii himatamatoota ilaalchisee ragaa akka dhiyeessaniif Sadaasa 28, 2013tti beellama jijjiirra laatera.
Taarik Addunyaatu gabaase
Odeeffannoo waqtaawaa argachuuf Teelegraama keenya https://t.me/afanoromofana subiskiraayib godhaa.
Karaa Yuutyuubii keenyan nu hordofuuf FBC Afaan Oromoo
Karaa marsariitii (weebsaayitii) keenya fanabc.com/afaanoromoo nu hordofaa
Comments (0)
Add Comment