Obbo Isaayyaas Jiraan Pireezidaantii Kaaf waliin dhimmoota adda addaarratti mari’atan

Finfinnee, Adoolessa 6, 2014 (FBC) – Pireezidaantiin Federeeshinii Kubbaa Miilaa Ityoophiyaa Obbo Isaayyaas Jiraan Pireezidaantii Konfedereeshinii Kubbaa Miilaa Afrikaa Paatiriis Mooseeppee waliin dhimmoota adda addaarratti mari’ataniiru.

Pireezidaanti Paatiriis Mooseeppeen giddu gala leenjii abbummaan federeeshinichaaf tajaajila kennaa jiri daawwataniiru.

Pireezidaanti Paatiriis Mooseeppeen Pireezidaantii FDRI Saahilawarqi Zawdee waliinis ni mari’atuun eegama.

Pireezidaanti Paatiriis Mooseeppeen bara Faranjootaa Bitootessa 21, 2021 eegalee Pireedaantii Konfedereeshinii Kubbaa Miilaa Afrikaa ta’uun tajaajilaa jiraachuu ragaan Federeeshinicharraa argame ni mul’isa.

Lammiil Afrikaa Kibbaa Paatiriis Mooseeppeen hundeessaa fi Abbaa dhaabbata Albuudaa Afrikaa Reenboow jedhamuu yoo ta’an, qabeenyi isaanii Doolaara biiliyoona 2.5 ta’a jedhame.

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Comments (0)
Add Comment