Obbo Isaayyaas Jiraa Pireezidaantii Federeeshinii Kubbaa Miilaa Ityoophiyaa ta’uun filataman

Finfinnee, Hagayya 22, 2014 (FBC) – Obbo Isaayyaas Jiraa irra deebiin Pireezidaantii Federeeshinii Kubbaa Miilaa Ityoophiyaa ta’uun filatamaniiru.

Filannoo pireezdaantii kubbaa miilaa Itiyoophiyaa 14ffaa gaggeeffameen Obbo Isaayyaas Jiraa irra deebiin Pireezdaantii kubbaa miilaa Itiyoophiyaa ta’uun filatamaniiru.

Obbo Isaayyaas Jiraa waggoottan Afran darban Pireezdaantii kubbaa miilaa Itiyoophiyaa ta’uun hoogganaa kan turan yoo tahu, filannoo pireezdaantii kubbaa miilaa Itiyoophiyaa 14ffaa kana sagalee 138 keessaa sagalee 94 argchuun pireezdaantii kubbaa miilaa Itiyoophiyaa ta’uun filamaniiru.

Filannoo kanaan obbo Malaakuu Faantaa sagalee 27 Yoo argatan obboo Tokkichaa Alamaayyoo sagalee 17 argataniru.

Obbo Isaayyaas Jiraa waggoottaan darbaniitti guddina kubbaa miilaa biyyaattiif qooda olaanaa kan taphatan yoo tahu, waggoottaan itti aananittis guddina kubbaa miilaa biyyaattiif kan gumaachaan tahuu ibsaniiru.

Keessattu guddina kubbaa miilaa biyyaatti bu’uuraalee Ispoortii kubbaa miilaaf barbaachisaniin wal simsiisuun kan hajjatan ta’uu himaniru.

Liigii 1ffaafi Liigii Olaanaa dabalatee, Pirimeer liigiin dubartootaa dabalatee uwwisa midiyaa akka argataniif xiyyeeffannoo kennun akka hojjatanis himaniru.

Dajanuu Gonfaatu Gabaase.

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Comments (0)
Add Comment