Obbo Insindir Naggaa dabalatee himatamtoota 7 irratti Abbaan Alangaa himata bane

Finfinnee, Qaammee 5, 2012 (FBC) –Obbo Insindir Naggaa dabalatee himatamtoota 7 irratti Abbaan Alangaa himata bane.
 
Himatichi bakka lamatti kan qoodame yoo ta’u, obbo Insindir Naggaa hanga shakkamtoota 1ffaa, 6ffaa fi 7ffaa irratti yakka shororkeessummaan himmanni kan baname.
 
Kan hafan jechuun himatamtoonni 2ffaa, 3ffaa, 4ffaa fi 5ffaa irratti ammoo yakka walitti bu’insa waliin waliinii uumuun himanni irratti banameera.
 
Himatichi mana murtii olaanaa federaaalatu bane.
 
Himatamtoonni waxabajjii 23 fi 24 ajjeechaa Artist Haacaaluu Hundeessaan walqabatee magaalaa Finfinneetti yakka namaa fi qabeenyarra miidhaa qaqqabsiisuu, qindeessuu fi ijaaruun jedhuun shakkamanii qorannoo irratti ta’aa tureera.
 
Odeeffannoo waqtaawaa argachuuf Teelegraama keenya https://t.me/afanoromofana subiskiraayib godhaa.
Comments (0)
Add Comment