Obbo Indashaaw Xaasaw Paartilee siyaasaa naannicha keessa socho’an waliin mari’atan

Finfinnee, Caamsaa 23, 2016 (FBC) – Itti Aanaan Pireezidaantii Naannoo Giddugaleessa Itiyoophiyaa Obbo Indashaaw Xaasaw Paartilee siyaasaa naannicha keessa socho’an waliin mari’ataniiru.
Hojiileen misoomaa hawaasa naannichaa fayyadamoo taasiisan xiyyeeffannoon hojjetamaa jiraachuu Obbo Indashaaw marichaan ibsaniiru.
Miseensonni Paartilee Siyaasaa naannicha keessa socho’an gama isaaniin sagantaa maaddii Guutuu, Inisheetiivii Kuduraa fi Muduraa, damee qonnaa dabalatee kanneen biroon hojiin bu’aa qabeessi raawwatamuu daawwannaa taasiisaniin hubachuu ragaan Kominikeeshinii naannicharraa argame ni mul’isa.
Comments (0)
Add Comment