Obbo Getaachaw Raddaa dabalatee konkolaattoonni gareen ABUT itti fayyadaman 40 ol too’ataman

Finfinnee, Sadaasa 28, 2013 (FBC) – Obbo Getaachaw Raddaa dabalatee konkolaattoonni hoggantoonni garee ABUT itti fayyadaman kanneen ashaaraan banaman 40 ol too’ataman.
Konkolaattoonni mootummaa hoggantoonni kunneen miilan baqachuu osoo hin eegaliin itti fayyadamaa turan 40 ol harka raayyaa ittisa biyyaa galaniiru.
Gareen finxaaleyyii kun magaalaa bu’uraalee misoomaa hin qabne Maaycoow irraa Kiiloo Meetira 60 faggaattee kan argamtu aanaa Deellaatti konkolaattoota mootummaa fi dhuunfaa 40 qabatanii dhokachuuf yaaliin taasiisan fashalaa’uu ajajaan kutaa waraanaa 32ffaa Koloneel Dajanee Tsaggaayeen ibsaniiru.
Konkolaattoota kanneen keessatti waraqaan eenyummaa, sanadoonnii fi Paaspoortiwwan argamuu eeraniiru.
Sanadoota argaman keessaa kan Preezdaantii Yuunvarsiitii Maqalee duraanii Proofeesar Kindayaa Gabrahiyiwaat, bulchaa Maaycoo kan turan obbo Haftuu Kiroosii fi hoggantoonni aanaalee biroo keessatti argamu jedhame.
Obbo Geetachaw Raddaa namoota karaa Deellaan miliqan keessaa isa tokko ta’uu Koloneel DajaneeTsaggaayeen ibsaniiru.
Faasiikaaw Taaddasaatu gabaase.
Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;
Teelegraama keenya https://t.me/afanoromofana subiskiraayib godhaa.
Karaa Yuutyuubii keenyan nu hordofuuf FBC Afaan Oromoo subiskiraayib godhaa.
Karaa marsariitii (weebsaayitii) keenya fanabc.com/afaanoromoo nu hordofaaa.
Twiitara keenya https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.
0
People Reached
315
Engagements
Boost Post
222222
12 Comments
81 Shares
Like

 

Comment
Share
Comments (0)
Add Comment