Finfinnee, Sadaasa 16, 2017 (FBC)-Hogganaan Biiroo Qonnaa Oromiyaa Obbo Geetuu Gammachuun Godina Jimmaa Aanaa Saqqaa Coqorsaatti facaasaa qamadii bonaa gaggeessaniiru.
Godina Jimmaa Aanaalee hunda keessatti facaasaan qamadii bonaa itti fufee gaggeeffamaa jiraachuun ibsameera.
Guyyaa har’aas Aanaa Saqqaa Coqorsaatti bakka Hoggantoonni naannoo fi godinichaa argamanitti facaasaan gaggeeffamuu ragaan kominikeeshinii Godinichaarra argame ni mul’isa.