Obbo Geetachoo Raddaa fi Awwal Aarbaan ergaa baga geessanii dabarsan

Finfinnee, Waxabajjii 8, 2016 (FBC) – Pireezidaantiin bulchiinsa yeroo naannoo Tigraay Obbo Geetachoo Raddaa fi Pireezidaantiin naannoo Afaar Obbo Awwal Aarbaan Ayyaana Iid Al Adahaa waggaa 1445ffaa sababeeffachuun ergaa baga geessanii dabarsaniiru.

Ayyaanni Iid Al Adahaa (Arafaa) guyyaa dhiifamnifi araarri uumaa itti mul’ate ayyaana obbolummaa, jaalalaa, tokkummaa fi waloomaa ta’uu ibsaniiru.

Ayyaanichi ayyaana obbolummaa, eebbaa, Fayyaa, jaalalaa, tokkummaa fi nageenyaa akka ta’u hawwaniiru.

Hawaasni Musiliimaa waayita ayyaana guddaa fi ulfaata kana kabajan walgargaaruun, waliif yaaduun, qalbii jijjiirannaa fi jaalalaan akka kabajan pireezidaantoonni kunneen waamicha dhiyeesaniiru.

#Oromia #Ethiopia

Comments (0)
Add Comment