Obbo Geetaachoon Yuunivarsiitii Maqaleetti argamuun barattoota kutaa 12ffaa qoramaa jiran daawwatan

Finfinnee, Fulbaana 29, 2016 (FBC) – Pireezidaantiin Bulchiinsa yeroo naannoo Tigraay Obbo Geetaachoo Raddaan Yuunivarsiitii Maqaleetti argamuun barattoota kutaa 12ffaa qoramaa jiran daawwataniiru.

Naannichatti qormaanni kutaa 12ffaa sababa waraanaan adda cite ture har’a kennamaa jira.

Barattoonni naannichaa Yuunivarsiitii Maqalee, Aksum, Addigraatii fi Raayyaatti qormaata biyyaalessaa kutaa 12ffaa bara 2015 fudhachaa jiru.

Obbo Geetachoonis Yuunivarsiitii Maqalee Kaampaasii Adiihaaqiitti argamuun barattoota qormaata fudhachaa jiran jajjabeessuu Teeleeviizyiinii naannoo Tigraay gabaaseera.

#Oromiyaa #Ityoophiyaa

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Comments (0)
Add Comment