Obbo Gadduun Preezdaantii Sudaan Kibbaa waliin haala yeroorrattai mari’atan

Finfinnee, Sadaasa 16, 2013 (FBC) – Gorsaan dhimma Nageenyaa Muummee Ministiraa obbo Gadduu Andaargaachaw Preezdaantii Sudaan Kibbaa Saalvaa Kiir waliin dhimma haala yeroorratti mari’ataniiru.

Obbo Gadduun duula mootummaan Ityoophiyaa olaantummaa seeraa kabachiisuuf garee ABUT irratti gaggeessaa jiru ilaalchisee ibsa taasiisaniiru.

Ergaa Muummee Ministiraa FDRI Dooktar Abiy Ahimad irraa ergame Preezdaant Saalvaa Kiiriif laataniiru.

Hojiin olaantummaa seeraa kabachiisuuf gaggeeffamaa jiru dirqama mootummaan birmadummaa biyyaa eegsiiisuuf qabuudha jedhan Gorsaan Nageenyaa Muummee Ministiraa obbo Gadduun.

Mootummaan federaalaa duula gaggeessaa jiru yeroo gabaabaa keessatti xumuruuf karoorfachuu eeraniiru.

Preezdaantiin Sudaan Kibbaa Saalvaa Kiir gama isaaniin Sudaan Kibbaa birmadummaan kan argatte hojii Ityoophiyaan hojjetteen ta’uu dubbataniiru.

Mootummaanii fi ummanii Sudaan Kibbaa  Mootummaa Ityoophiyaa cinaa kan dhaabbatan ta’uu ibsaniiru.

Oduu biroon obbo Gadduun itti gaafatamaa dhaabata nageenyaa Sudaan Kibbaa Alkool Koor waliin mari’achuun ergaa walfakkaatu geessisaniiru.

Akkasumas Komaandaroota Sudaan Kibbaatti nageenya kabachiisuuf bobba’an waliin mari’achuu isaanii eerrameera.

Odeeffannoo waqtaawaa argachuuf Teelegraama keenya https://t.me/afanoromofana subiskiraayib godhaa.

Karaa Yuutyuubii keenyan nu hordofuuf FBC Afaan Oromoo

https://www.youtube.com/channel/UCsy_Mc1C45kRUVopA-NK10A subiskiraayib godhaa.

Karaa marsariitii (weebsaayitii) keenya fanabc.com/afaanoromoo nu hordofaaa.

Comments (0)
Add Comment