Obbo Gadduun preezdaantii Sudaan kibbaa Saalvaa Kiir waliin mari’atan

Finfinnee, Caamsaa 2, 2012 (FBC) – Obbo Gadduun preezdaantii Sudaan kibbaa Saalvaa Kiir waliin mari’atan.

Ministirri Ministeera Dhimma Alaa FDRI obbo Gadduu Aandaargaachaw preezdaantii Sudaan kibbaa Saalvaa Kiir waliin guyyaa kaleessa Juubaatti argamuun hariiroo Ityoophiyaa fi Sudaan kibbaa gidduu jiru caalmaatti cimsuurratti mari’ataniiru.

Obbo Gadduun ergaa MM FDRI Dooktar Abiy Ahimad irraa ergame preezdaant Saalvaa Kiiriin ga’aniiru.

Maricharratti gare jila Ityoophiyaa keessaa Ministir deettaan Ministeera Dhimma Alaa FDRI Ambaasaaddar Reedwaan Huseen dabalatee Sudaan kibbaatti ergama addaa fi abbaa angoo guutuu FDRI Ambaasaaddar Tafarraa Taddasee fi hooggantoonni hoji olaanoo biroon sudaan kibbaa hirmaataniiru.

Odeeffannoo waqtaawaa argachuuf Teelegraama keenya https://t.me/afanoromofana subiskiraayib godhaa.

Comments (0)
Add Comment