Obbo Gadduun Jaappaanitti Proofeesara Yuunvarsiitii Fuukowaakaa Maatisufuujii Koojii waliin mari’atan

Finfinnee, Gurraandhala 26, 2012 (FBC) – Ministirri Ministeera Dhimma Alaa FDRI obbo Gadduu Aandaargaachaw Jaappaanitti Proofeesara Yuunvarsiitii Fuukowaakaa Maatisufuujii Koojii waliin mari’ataniiru.
 
Obbo Gadduu Aandaargaachaw mootummaan Jaappaan misooma Ityoophiyaatif deeggarsa taasisaa jirtu dinqisiifataniiru.
 
Yuunvarsiitiin Fuukowaakaa biyya keenyatti magaalota garagaraatti kosii gogaa maqsuu waliin walqabatee hojiiwwan hojjetamuuf deeggarsa barbaachisu akka taasisus mirkaneessaniiru.
 
Proofeesar Maatisufuujii Koojii gama isaanitiin Yuunvarsiitiin Fuukowaakaa erga hundeeffamee eegalee magaalota Jaappaan garagaraatti jijjiirama qabeenya qilleensaa fi haala taa’umsa lafaa waliin walqabatee hojii bu’a qabeessa akka hojjete; magaalota Ityoophiyaa garagaraattis akka hojjetu himaniiru.
Comments (0)
Add Comment