Obbo Gadduun Ityoophiyaatti ambaasaaddara Gamtaa Awrooppaa fi Saawdii Arabiyaa waliin mari’atan

Finfinnee, Waxabajjii 4, 2012 (FBC) –Ministirri Dhimma Alaa FDRI obbo Gadduu Aandaargaachaw Ityoophiyaatti ambaasaaddara Gamtaa Awrooppaa waliin mari’atan.
 
Obbo Gadduun, Ambaasaaddar Joohaan Boorgistaam waajjira isaaniitti simatanii mariisisaniiru.
 
Obbo Gadduun, Gamtaan Awrooppaa akka taajjabduutti marii Hidha Haaromsaa Ityoophiyaa, Sudaanii fi Gibts taasisanirratti hirmaachuu isaatif galateeffataniiru.
 
Weerara vaayrasii koroonaa ittisuuf tumsii fi hojiin qindoominaa Ityoophiyaa fi Gamtaa Awrooppaa cimee itti fufuu akka qabus mari’ataniiru.
 
Obbo Gadduun dhimmuma walfakkaataarratti Ityoophiyaatti ambaasaaddara Saawdii Arabiyaa Saamii Jamaal Abdullaahii waliinis mari’ataniiru.
 
Odeeffannoo waqtaawaa argachuuf Teelegraama keenya https://t.me/afanoromofana subiskiraayib godhaa.
Comments (0)
Add Comment