Obbo Gadduun, Ingiliizitti ministira dhimmoota Afrikaa Jams Filiip Dadriij waliin mari’atan

Finfinnee, Caamsaa 13, 2012 (FBC) – Ministirri Ministeera Dhimma Alaa FDRI obbo Gadduu Aandaargaachaw, mootummaa Ingiliizitti ministira dhimmoota Afrikaa Jams Filiip Dadriij waliin viidiyoo koonfaransiin mari’atan.
 
Ministiroonni lamaan weerara vaayrasii koroonaa tumsaan ittisuun bifa danda’amurratti mari’ataniiru.
 
Dhimmoota nageenya naannoo fi Hidha Haaromsaarrattis mari’ataniiru.
 
Obbo Gadduun mootummaan Ingiliiz weerara vaayrasii koroonaa ittisuurratti tumsa taasisaa jiruuf galateeffataniiru.
 
Hidha Haaromsaarratti marii Ityoophiyaa, Sudaanii fi Gibts taasisaa turanirratti ibsa laataniiru.
 
Ityoophiyaan yeroo qabameen guutinsa bishaanii sadarkaa jalqabaa kan gaggeessitu ta’uu ibsanii, Gibtsis marii sadeetti akka deebituuf hawaasni addunyaa dhiibbaa akka taasisu gaafataniiru.
 
Jams Filiip Dadriij gama isaanitiin Ityoophiyaan vaayrasii koroonaa ittisuurratti hojiin hojjechaa jirtu jajjabeessaa ta’uu eeruun, tumsi Ingiliiz kan itti fufu ta’uu himaniiru.
 
Daandiin Qilleensaa Ityoophiyaa biyyoota Afrikaarratti weeraricha ittisuuf meeshaalee gargaaran dhiyeessuurratti tumsi taasise olaanaa ta’uu himan.
 
Dhimmi Hidha Haaromsaa mariidhan akka hiikkatu Ingiliiz kan hojjettu ta’uu eeraniiru.
 
 
 
Odeeffannoo waqtaawaa argachuuf Teelegraama keenya https://t.me/afanoromofana subiskiraayib godhaa.
Comments (0)
Add Comment