Obbo Gadduun gorsaa biyyaa fi ministira Dhimma Alaa Chaayinaa Waang Yuu waliin bilbilaan mari’atan

Finfinnee, Caamsaa 3, 2012 (FBC) – Ministirri Ministeera Dhimma Alaa FDRI obbo Gadduu Aandaargaachaw gorsaa biyyaa fi ministira Dhimma Alaa Chaayinaa Waang Yuu waliin bilbilaan mari’atan.
 
Tumsa Ityoophiyaa fi Chaayinaa cimsuu, weerara vaayrasii koroonaa ittisuu, hariiroon diippiloomaasii biyyoota lamaanii bara itti eegalame waggaa 50ffaa bifa miidhagaa ta’een kabajuurratti mari’ataniiru.
 
Obbo Gadduun Chaayinaan weerara vaayrasii koroonaa ittisuurratti hojii hojjettee fi tumsa biyyootaf goote dinqisiifataniiru.
 
Ministirichi sadarkaa ijaarsa Hidha Haaromsaa fi ejjennoo Ityoophiyaarrattis ibsa laataniiru.
 
Ammas marii sadeetti deebi’uun furmaata ta’uu ibsaniiru.
 
Gorsaan biyyaa fi ministirri Dhimma Alaa Chaayinaa Waang Yuu gama isaanitiin, hariiroon biyyoota lamaanii cimee kan itti fufu ta’uu fi Chaayinaan tumsa barbaachisaa kan taasistu ta’uu eeraniiru.
 
Weerara vaayrasii koroonaa ittisuurratti Chaayinaan muuxannoo qabdu qooduu kan cimsitu ta’uu ibsaniiru.
 
Dhimma Hidha Haaromsaarratti Ityoophiyaa, Gibtsii fi Sudaan garaagartee isaanii mariidhan akka hiikanis dhaamaniiru.
 
Odeeffannoo waqtaawaa argachuuf Teelegraama keenya https://t.me/afanoromofana subiskiraayib godhaa.
 
 
Comments (0)
Add Comment