Obbo Gadduun gita isaanii Keeniyaa waliin mari’atan

Finfinnee, Amajjii 27, 2012 (FBC) – Ministirri Ministeera Dhimma Alaa FDRI obbo Gadduu Andaargaachaw Ministira Dhimma Alaaa Keeniyaa Ambaasaaddar Riicheel Awur Oomaammoo waliin mari’atan.
 
Dhimmoota waloo biyyoota lamaanii fi idila addunyaa iratti marii taasisaniiru.
 
Hariiroon biyyoota lamaanii amanamaa, hoggansa waliin kan hin jijjiirramne fi damee hundaan fakkeenyummaa kan qabu ta’uu obbo Gadduun ibsaniiru.
 
Obbo Gadduun du’a Preezdaant Daani’eel Arrap Mooy gadda itti dhaga’ame ibsuun ummata fi mootummaa keeniyaaf jajjabina hawwaniiru.
 
Waliigaltee biyyoota lamaanii hojiitti hiikuuf rakkoolee qunnamaan adda baasuun hariiroo waloo caalmaatti cimsuuf kan hojjetamu ta’uu ibsaniiru.
 
Ministirri Ministeera Dhimma Alaa Keeniyaa Ambaasaaddar Riicheel Awur Oomaammoon gama isaaniin, hariiroon biyyoota lamaanii yeroo gara yerootti cimaa dhufuu ibsuun, damee hundaan bu’aa argamsiisaa akka jiru dubbataniiru.
 
Biyyoonnii lamaan naannichaatti walitti hidhamiinsa siyyaasaa, diinagdee fi hawaasummaa qaban caalmaatti cimsuuf xiyyeeffannoon kan hojjetan ta’uu himaniiru.
 
Hariiroon dippiiloomaasii Ityoophiyaa fi Keeniyaa bara 1946 eegalee bu’ura cimaan kan itti fufe ta’uu ragaan Ministeera Dhimma Alaa FDRI irraa argame ni agarsiisa.
Filatamoo
Comments (0)
Add Comment