Obbo Gadduun ergamtoota addaa biyyoota garagaraa waliin mari’atan

Finfinnee, Amajjii 28, 2012 (FBC) – Ministirri Dhimma Alaa FDRI obbo Gadduu Aandaargaachaw yaa’ii hoji raawwachiiftota Gamtaa Afrikaa 36ffaa cinaatti ergamtoota addaa biyyoota garagaraa waliin mari’ataniiru.

Haaluma kanaan Gamtaa Afrikaatti ergamaa addaa mootummaa Aayarlaand Ambaasaaddar Keeneet Toomson, Gamtaa Afrikaatti ergamaa addaa fi ministira dhimma hawaasummaa fi hojjetaa bulciinsa Filisxeem Ambaasaaddar Dooktar Naasrii Abuujaash waliin dhimmoota waloo fi idil addunyaa irratti mari’ataniiru.

Hariiroo diippiloomaasii Ityoophiyaa fi Aayarlaand sadarkaa fooyya’aatti ceesisuuf hojjetamaa jiraachuu obbo Gadduun himaniiru.

Aayarlaand sagantaa deeggarsa misoomaa Ityoophiyaaf taasiiftu cimsitee akka itti fuftuu fi abbootiin qabeenyaa biyyattii misooma invastimantii keessatti hirmaannaa isaanii cimsuu akka qaban gaafataniiru.

Ambasaaddar Keeneet gama isaanitiin sochii nageenya buusuuf Ityoophiyaan naannichatti taasisaa jirtu dinqisiifachuun, hariiroo hundagaleessa biyyi isaanii Ityoophiyaa waliin qabdu cimee akka itti fufuuf kan hojjetan ta’uu ibsaniiru.

Bifuma walfakkaatun obbo Gadduun jijjiirrama Ityoophiyaan taasisaa jirtuu fi dhimma Hidha Haaromsaa irratti marii Sudaanii fi Gibtsi waliin taasisaa jirtu ilaalchisee Ambaasaaddar Dooktar Naasriif ibsa laataniiru.

Ambaasaaddar Dooktar Naasriin gama isaanitiin, Ityoophiyaan Afrikaatti nageenyaa fi tasgabbii buusuuf hirmaannaa taasisaa jirtu dinqisiifachuun, mariin sadee hidhichaa gaggeeffamaa jiru karaa nagaan akka xumuramu abdii qaban ibsaniiru.

Filisxeem hariiroo Ityoophiyaa waliin qabdu caalmaatti cimsuuf hojjechaa jiraachuu ibsuu isaanii ragaan Waajjira Dubbi Himaa Ministeera Dhimma Alaa FDRI irraa argame ni agarsiisa.

 

Comments (0)
Add Comment