Obbo Gadduun bakka bu’aa olaanaa Komishinii gamtaa Awrooppaa Jooseep Booraliin waliin mari’atan

Finfinnee,Fulbaana 29, 2013 (FBC) -Ministirri Ministeera Dhimma Alaa FDRI obbo Gadduu Andaargaachaw bakka bu’aa olaanaa Komishinii gamtaa Awrooppaa fi itti aanaa preezdaantii Komishinichaa Jooseep Booraliin waliin mari’ata.
 
Hariiroo Ityoophiyaa fi gamtaa Awrooppaa haala caalmaatti cimsuun danda’amurratti mari’ataniiru.
 
Obbo Gadduun deeggarsa hunda galeessa gamtaan Awrooppaa fi miseensoonni gamtichaa Ityoophiyaaf taasisan galateeffataniiru.
 
Hariiroo tarsiimoo Ityoophiyaa fi gamtaa Awrooppaa gidduu jiru caalmaatti cimsuuf Ityophiyaan yeroo kamiiyyuu caalaa ni hojjetti jedhan obbo Gadduun.
 
Obbo Gadduun jijjiirrama gama siyaasaa, hawaasummaa fi diinagdee waggoottan lamaan keessatti muul’atanii fi dhimmmoota haala yeroo irratti Booraliif ibsa laataniiru.
 
Dhimma marii sadee hidha haaromsaa Ityoophiyaa, Sudaanii fi Gibts gidduutti gaggeeffamaa turerratti odeeffannoo laataniiru.
 
Jooseep Booral gama isaaniin jijjiirrama waliigalaa Ityoophiyaa keessatti muul’ataa jiru dinqisiifataniiru.
 
Hariiroon Ityoophiyaa fi gamtichaa cimee kan itti fufu ta’uu ibsaniiru.
 
Gamtichi yeroo itti aanu misooma diinagdee diijitaalaa, jijjiirrama qabeenya qilleensaa, mirga namoomaa, godaansa seeraa alaa, fi dhimmoota biroorratti Ityoophiyaa waliin kan hojjetu ta’uu ibsaniiru.
 
Turtii isaaniin proojektoota deeggarsa gamtichaan hojjetamaa jiran ni daawwatu jedhamee kan eeggamu ta’uu ragaan Waajjira Dubbii Himaa Ministeera Dhimma Alaarra argame ni agarsiisa.
 
Odeeffannoo waqtaawaa argachuuf Teelegraama keenya https://t.me/afanoromofana subiskiraayib godhaa.
 
Comments (0)
Add Comment