Obbo Gadduun ambaasaaddaroota biyyoota garaagaraa Ityoophiyaa bakka bu’an waliin mari’ataniiru

Finfinnee, Eebila 14, 2012 (FBC) – Obbo Gadduun ambaasaaddaroota biyyoota garaagaraa Ityoophiyaa bakka bu’an waliin mari’ataniiru.

Ministirri Ministeera Dhimma Alaa FDRI obbo Gadduu Aandaargaachaw ambaasaaddaroota biyyoota Isiiyaa fi Paasfiik Ityoophiyaa bakka bu’anii fi Jeeneeraaloota Qoonsiilaa waliin dhimmoota garaagaraarratti viidiyoo koonfiraansin mari’ataniiru.

Obbo Gadduun Ityoophiyaan tamsa’ina vaayrasii koroonaa ittisuuf tarkaanfi fudhatte irratti ambaasaaddaroota kanneenif ibsa laataniiru.

Ambaasaaddaroonnis biyyoota bakka bu’anitti lammiileen Ityoophiyaa odeeffannoo ga’aa akka argataniifi vaayrasii koroonarra akka of eeganiif imbaasiin sochii taasisaa jiru cimsee akka itti fufuu obbo Gadduun yaadachisaniiru.

Ityoophiyaan tamsa’ina vaayrasii koroonaa ittisuuf sochii taasisaa jirtuuf ambaasaaddaroonni, dippiloomaatoonni fi lammiilee Ityoophiyaa biyya ala jiraatan deeggarsa taasisaa jiraniif galateeffataniiru.

Marii viidiyoo koonfiraansicharratti Ministir deettaan Ministeera Dhimma Alaa FDRI Ambaasaaddar Reedwaan Huseeniin dabalatee daayreektarri Jeeneeraala Isiiyaa Paasfiik obbo Daawit Yiirgaa fi ambaasadaarroonni biyyoota Isiyaa fi Paasfiik bakka bu’an hundi irratti hirmaataniiru.

Odeeffannoo waqtaawaa argachuuf teelegraama keenya https://t.me/afanoromofana subiskiraayib godhaa.

Comments (0)
Add Comment