Obbo Gadduu Aandaargaachaw gita isaanii Demokraatik Riippabliika Koongoo fi Taanzaaniyaa waliin mari’atan

Finfinnee, Amajjii 29, 2012 (FBC) – Obbo Gadduu Aandaargaachaw gita isaanii Demokraatik Riippabliika Koongoo fi Taanzaaniyaa waliin mari’atan.

Ministirri Dhimma Alaa FDRI obbo Gadduu Aandaargaachaw yaa’ii hoji raawwachiiftota Gamtaa Afrikaa 36ffaa cinaatti gita isaanii Demokraatik Riippabiliika Koongoo fi Taanzaaniyaa waliin mari’ataniiru.

Obbo Gadduun minstira Dhimma Alaa Demokraatik Riippabliika Koongoo Maarii Tumbaa waliin marii taasisaniin hariiroo biyyoota lamaanii baroota dheeraa ture gara sadarkaa caalutti dhimmoota guddisuu danda’anirratti mari’ataniiru.

Haaluma walfakkatun ministira Dhimma Alaa Taanzaaniyaa Proofesar Palamagambaa Joon Kabuudii waliin dhimmoota hariiroo biyyoota isaanii cimsurratti mari’ataniiru.

Obbo Gadduun ministir deettaa Tumsa Idil Addunyaa Emmireetota Arabaa Gamtoman Rayim Al Hashim waliin mari’ataniiru.

Comments (0)
Add Comment