Finfinnee, Adoolessa 22, 2015 (FBC) – Ministirri Ministeera Daldalaa fi Walitti Hidhamiinsa Naannawaa Obbo Gabramasqal Caalaan Daayrektara olaanaa Dhaabta Daldala Addunyaa Nigoozii Ookoonjoo waliin Neezarlaanditti mari’ataniiru.
Obbo Gabramasqal fooyya’iinsa daldaala Ityoophiyaan taasiisaa jirtu ilaalchisee ibsa laataniiru.
Mootummaan Ityoophiyaa miseensa Dhaabbata Daldalaa Addunyaa ta’uuf marii taasiiamu xumuruuf murannoo qabaachuu eeraniiru.
Dooktar Nigoozii Ookoonjoon gama isaaniin, tattaaffii Ityoophiyaan miseensa dhaabbatichaa ta’uuf taasiiftu qormaatilen keessaa fi alaa muudachuu akka danda’u kaasaniiru.
Qormaatileen kunneen marii itti fufiinsa qabu biyyoota miseensa dhaabbatichaa waliin taasiisuun furuun murteessaa ta’uu ibsuu ragaan Ministeera Daldalaa fi Walitti Hidhamiinsa Nannawaarraa argame ni mul’isa.
#Oromia #Ethiopia
Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;
Teelegraama https://t.me/afanoromofana
Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR
Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.