Obbo Gaazaalii Abbaasiimal Preezdaantii Mana Murtii Waliigalaa Oromiyaa ta’uun muudaman

Finfinnee, Fulbaana 15, 2014 (FBC) – Caffeen Oromiyaa Obbo Gaazaalii Abbaasiimal Preezdaantii, Obbo Guyyoo Waariyoo ammoo Itti aanaa Preezdaantii Mana Murtii Waliigalaa Oromiyaa taasiisuun muudeera.

Akkasumas Obbo Tafarii Wandaafarraahu Oodiitara Muummichaa, obbo Tolasaa Abboomaa itti aanaa Ooditara Oromiyaa taasiisuun muudeera.

Caffeen Oromiyaa yaa’ii jalqabaa waggaa 1ffaa bara hojii caffee 6ffaa gaggeesseen obbo Huseen Usmaan Komishinara Komishinii Farra malaammaltummaa naannoo Oromiyaa taasiisuun muuduu ragaan Biiroo Dhimmoota Kominikeeshinii Oromiyaarraa argame ni muul’isa.

Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii https://www.youtube.com/c/fanabroadcastingcorporate/

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Comments (0)
Add Comment