Finfinnee, Caamsaa 13, 2015(FBC)- Itti Gaafatamaan Waajjira Paartii Badhaadhinaa Damee Oromiyaa Obbo Fiqaaduu Tasammaan balaa Tiraafikaa guyyaa kaleessaa barsiisota yuunivarsiitii Madda Walaabuurra gaheen gaddi itti dhagahamuu ibsaniiru.
Barsiisoonni Yuunivarsiitii Madda Walaabuu guyyaa kaleessaa ergama hojii fudhatanii osoo imalaa jiranii sababa balaa konkolaataatiin lubbuun isaanii miidhamuu yommuun dhagahu gadda guddaatu natti dhagahame jedhan.
Hayyoota jireenya ofiitii olitti dhaloota egeree ijaaruuf halkanii fi guyyaa boqonnaa malee dhama’an dhabuun gadda guddaa ta’uu ibsaniiru.
Dhaloota ijaarree biyya utubna jedhanii osoo halkanii guyyaa dhama’anii akka tasaa lubbuun isaanii darbee jira; Kun gadda guddaa dha jedhan.
Biyyatu miidhame waan ta’eef gaddi nutti gale gadda namoota dhuunfaatii oli jedhaniiru.
Hayyoonni kunneen lubbuun darbaniis seenaa hin dabarre kaa’anii jiru; Beekumsa jireenya ofii keessatti gonfataniin dhaloota siidaa ta’ee maqaa isaanii bara baraan waamsisu uumaniiru jedhan Obbo Fiqaaduun.
Seenaan bara baraan kan isaan yaadatu ta’uu eeruun, akka duungoo baqanii ashaaraa baqee hin banne dhalootarra kaa’uu ibsaniiru.
Oolmaa biyyaa oolaniif seenaan kan isaan hin daganne ta’uu addeessaniiru.
Maatii fi firoottan isaaniif, hawaasa Yunivarsitii Madda Walaabuu fi Hawaasa Dhaabbilee barnootaa hundaaf jajjabinan hawwuu ragaan Waajjira Paartii Badhaadhinaa Damee Oromiyaarraa argame ni mul’isa.
#Oromiyaa #Ityoophiyaa
Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataan argachuuf;
Teelegiraama https://t.me/afanoromofana
Yuutiyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR
Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo
Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Feesbuukii:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.