Finfinnee, Adoolessa 1, 2015 (FBC)- Pireezidaantiin Naannoo Sidaamaa Obbo Dastaa Leedaamoon tajaajila tola ooltummaa Gannaa naannichaa Magaalaa Yirgaalamitti manneen maanguddootaa haaromsuun eegalchiisaniiru.
Saganticharratti, Afyaa’iin Mana Maree Naannichaa Adde Faantaayee Kabbadaa fi qondaaltonni mootummaa naannichaa biroon argamaniiru.
Sagantichi, mata duree “Tola ooltummaan olka’iinsa Ityoophiyaaf” kan gaggeeffamu yoo ta’u dargaggoonni kuma 612 ni hirmaatu jedhameera.
#Oromiyaa #Ityoophiyaa
Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataan argachuuf;
Teelegiraama https://t.me/afanoromofana
Yuutiyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR
Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo
Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Feesbuukii:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.