Obbo Dassitaan Humnoota Addaa Godina Matakkalitti hojii nageenya kabachiisurratti bobba’an daawwatan

Finfinnee, Qaammee 2, 2013 (FBC) – Preezdaantiin Naannoon Sidaamaa obbo Dassitaa Leeddaamoon Humnoota Addaa Naannoo Beenishaanguul Gumuz Godina Matakkalitti hojii nageenya kabachiisurratti bobba’an daawwataniiru.
 
Humni Addaa naannoo Sidaamaa Raayyaa Ittisaa waliin ta’uun Hidha Haaromsaa ergamtoota garee shororkeessaa ABUT irraa eeguuf ergama fudhatee hojjechaa jiraachuu ibsameera.
 
Adda Waraanaa Kaabaa fi Matakkaliin waraana gareen shororkeessaa bane waliin qolachuun bara haaraa Misoomaa, aadaa fi nageenya naannoo Beenishaanguul Gumuziif waloon kan hojjetan ta’uu Preezdaantiin Naannoon Sidaamaa obbo Dassitaa Leeddaamoon dubbataniiru.
 
Naannoon Sidaamaa miseensota Raayyaa Godina Matakkalitti duula olaantummaa seeraa kabachiisurratti argamaniif sangootaa 20, Humna addaaf Ambuulaansii fi deeggarsawwan biroo laachuu ragaan Kominikeeshinii Godina Matakkalii argame ni muul’isa.
 
Feesbuuki keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf; :-www.fanabc.com
 
Yuutyuubhttps://www.youtube.com/c/fanabroadcastingcorporate/
 
Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo
 
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
 
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.
Comments (0)
Add Comment