Obbo Dammaqaan tumsi gamhedduu Ityoo – Ameerikaa bifa guutuu ta’een hojiirra akka oolu gaafatan

Finfinnee, Adoolessa 5, 2015 (FBC) – Itti Aanaan Muummee Ministiraa fi Ministirri Dhimma Alaa Obbo Dammaqaa Makonniin tumsi gamhedduu Ityoo – Ameerikaa bifa guutuu ta’een hojiirra akka oolu gaafataniiru.

Hariiroon gamhedduu biyyoota lamaanii fooyya’aa dhufe haala guutuu ta’een hojiirra ooluu akka qabu gaafataniiru.

Obbo Dammaqaan Ministeera Dhimma Alaa Ameerikaatti Gargaartuu Ministiraa Dhimmoota Afrikaa Moolii Fii waliin mari’ataniiru.

Haala waqtaawaa hariiroo biyyoota lamaanirratti mari’achuu ragaan Ministeera Dhimma alaarraa argame ni mul’isa.

Dhimmi nageenya Sudaan Gamtaa Afrikaa fi IGAD durfamu abbaan lammiilee Sudaanii ta’uu fi tattaafficha tumsuun barbaachisaa ta’uu Obbo Dammaqaan ibsaniiru.

Marii IGAD Finfinneetti dhimma Sudaan ilaachisee gaggeesse Ityoophiyaan keessummeessuu Moolii Fiin galateeffataniiru.

Humnoonni Sudaan waliigaltee Dhukaasa dhaabuu taasisuun rakkoo uumameef furmaata Siyaasaa akka barbaadanii fi deeggarsi namoomaa akka qaqqabu gaafataniiru.

#Oromia #Ethiopia

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Comments (0)
Add Comment