Obbo Dammaqaan qaamolee waamicha ‘imalli gara biyyaatti’ jedhuu milkiin akka xumuramuuf gaheesaanii bahaan galateeffatan

Finfinnee, Gurraandhala 16, 2014 (FBC)- Mata duree Imala gara biyyaa jedhuun hirmaannaan diyaaspooraa gara sadarkaa olaanaatti ceesisuuf haalota dandeessisaan irratti mariin xiyyeeffatee qaamolee dhimmi ilaallatuu federaalaa akkasumas Misiiyoonoota FDRI hirmaachisee viidiyoo konfiraansiin gaggeeffameera.

Maricharratti Itti aanaan Muummee Ministiraa fi Ministirri Ministeera Dhimma Alaa obbo Dammaqaa Mokkonniin, diyaaspooraan wayita rakkina keessaa turteetti deeggarsa taasisanii fi bu’aa argamsiisaaniif galateeffachuun akkasumas qormaatileen biyyatti muudatan hanga dhaabbatanitti deeggarsa isaanii cimsanii akka itti fufanii fi misiyoonotaa fi qaamolee dhimmi ilaallatu waliin akka hojjetan yaadachiisaniiru.

Gara fula duraattis hojiiwwan hojjetamaan hedduu kan jedhan obbo Dammaqaan, waamichichi milkiin akka xumuramuuf qaamolee gaheesaanii ba’aatan galateeffataniiru.

Ityoophiyaa :- Haa Misoomsinu, Haa Ijaarru, Haa qophoofnu!!!

Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Comments (0)
Add Comment