Finfinnee, Qaammee 3, 2013 (FBC) -Itti aanaan Muummee Ministiraa fi Ministirri Ministeera Dhimma Alaa obbo Dammaqaa Makonniin Preezdaantii Roottaarii Intarnaashinaal Dooktar Sheekhaar Meehiittagaar waliin mari’ataniiru.
Dhaabbanni Roottaarii Intarnaashinaal barnoota babal’isuu, dubartoota ga’oomsuu,meeshalee Qulqullina shamarranii gatii madaallawaan dhiyeessuun biyyoota garaagaraatti hojjechaa jiraachuu Dooktar Sheekhaar Meehiittagaar ibsaniiru.
Dhaabbatichi Ityoophiyaatti lakkoofsa miseensota isaa dabaluuf hojii hojjetu mootummaan deeggarsa barbaachisu akka taasiisu gaafachuu isaanii ragaan Ministeera Dhimma Alaarraa argame ni muul’isa.
Dhaabbatichi sadarkaa Idil addunyaatti Roottaariiwwaan miiliyoona 1.2 fi Kilaboota kuma 35 hammachuun biyyoota 200 keessatti hojii tola ooltummaa hojjechaa jiraachuu eeraniiru.
Ityoophiyaatti waggoota 65 tajaajila laachaa turuu ragaan ni muul’isa.
Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;
Teelegraama https://t.me/afanoromofana
Yuutyuubii https://www.youtube.com/c/fanabroadcastingcorporate/
Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.