Obbo Dammaqaan preezdaantii fooramii diinagdee addunyaa waliin mari’atan

Finfinnee, Amajjii 13, 2012 (FBC) – Itti aanaan muummee minsitiraa FDRI obbo Dammaqaa Makkoonniin preezdaantii fooramii diinagdee addunyaa Boorg Bireend waliin mari’atan.

Haala qophii fooramii diinagdee addunyaa boqonnaa Afrikaa baatii Fulbaanaa bara Faranjootaa 2020 Finfinneetti gaggeeffamuu fi dhimmoota Afrikaa irratti mari’ataniiru.

Fooramiin kun dhaabbilee biiznasii idil addunyaa fi hoggantoota siyaasaa hedduu waliin walqunnamuuf carraa gaarii qabaachuu isaa dubbataniiru.

 

Comments (0)
Add Comment