Obbo Dammaqaan Pireezidaantii Kuubaa Miiguuwerl Beermuudeez waliin mari’atan

Finfinnee, Fulbaana 5, 2016 (FBC) – Itti Aanaan Muummee Ministiraa fi Ministirri Alaa Obbo Dammaqaa Makonniin Pireezidaantii Kuubaa Miiguuwel Beermuudeez waliin mari’ataniiru.

Yaa’iin hoggantoota biyyoota garee 77, Chaayinaa fi Mootummootaa Kuubaa magaalaa Havaanaatti gaggeeffamaa jira.

Obbo Dammaqaan yaa’ichaan cinaatti Pireezidaantii Kuubaa Miiguuwel Beermuudeez waliin mari’ataniiru.

Hariiroo waloo biyyoota lamaanii caalmaatti cimsuu fi hoggantoonni olaanoon daawwannaa taasiisuuf waliigalaniiru.

Obbo Dammaqaan Itti aanaa pireezidaantii, Ministira Alaa fi Af Yaa’ii Paarlaamaa Kuubaa waliin mari’achuu ragaan Ministeera Dhimma Alaarraa argame ni mul’isa.

#Oromiyaa #Ityoophiyaa

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Comments (0)
Add Comment